Tuesday, December 19, 2006

SEENAA GABAABAA ARTIST USMAAYYOO MUUSAA

Duuti sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata Oromoo walii galaa ta‘ee darbe baatii darban kanatti. Artisti Usumaayyoon jiruu fi jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin inni uummata isaaf kaa‘ee darbe ammo artisti Usmaayyoo bara dhufaa darbu hunda akka yaadatamu isa taasisa.

Wallisaa Oromoo beekamaa fi jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaa isaa Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Abdullaahi irraa Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama.

Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan ka‘e jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!

Artisti Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal bareen booda
fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.


Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO) fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti gurmaawee qabsoo itti fufe. yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa tan gaafasi keysaa Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa

Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa

Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.

Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas

Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.

Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.

Bara 2004 keysa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’um sana keeysa albama 3ffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu” mata duree jedhuun baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kana irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.

Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.

Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen mana hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kana irraa du‘aan godaane.

Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.

”Qabsaawaan ni kufaa, qabsoon itti fufa”

Lubbuu artiist Usmaayyoo Muusaa Waaqayyoo haa boqochiisu jenna.!

Waldaa Artistoota Oromoo (WAO) irraa

Muddee 2006.

Labels:

Thursday, November 23, 2006

Dhaamsa Mana Gadaa Du'a obbaleyssa keenyaa kan usmayyoo Mussaa laalchiseDhaamame.daandi dhugarratti kuftte maqaa ke oromoon bara baraan jiraachisa.

Usmayoon barabaraan yaadanna

Labels:

Tuesday, November 21, 2006

yeroo dheeraadhaf dhukkubsataa akka ture oromooni isa beekan ni himan. Tumamiinsa fii rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan ka'e osoo hin fayyin du¢a isaa tanaaf sababa taate.Awwaalcha Usmaayyoo kan kaleeysa (20/11/2006).sirna cimaadhan geggeeffamerrati Sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhiheeysaa turan oduun achirraa dhufte ibsiti. Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo waaqni isin haa jajjabeeysu jenna.Seenaa gabaabaa usmaayyoo yeroo nu dhaqqabe isiniif dhiheeysina.GGB

Labels:

Oromo artists who have been killed by the current regime include:

Ebbisa Addunya singer and guitarist, Bilisuma Band, shot dead in Addis Ababa, August 1996 (previously reported by OSG)
Hime Yusuf singer and musician, Chafe Gada Band, killed in Hararge 1997
Kulani Boru female vocalist, Chafe Gada Band, Hararge 1997
Bonsiso Challa singer, Chafe Gada Band, Hararge 1992
Hordofa Barento traditional dancer, Chafe Gada Band, Hararge 1992
Jalal drama producer, Chafe Gada Band, Hararge 1992
Sabontu Barentu female vocalist, Chafe Gada Band, Bale 1997
Ayantu Borana female traditional dancer, Chafe Gada Band, Bale 1997

Source: Oromia Support Group (OSG Press Release Nr. 36)

Labels:

Monday, November 13, 2006

Dhaamsa Dr Asaffaa Jaalataa.
Dhaamsa guyyaa yaadannoo gotoota oromoo bara 2006kabajannu kessummoota afeere kessa tokko Dr asaffaa Jaalataati haasawa isaan mana Oromiyaa Gadaan oOromoo Haa lLalisu kan paltaki gubbaratti waan isaan jadhan kessaa hanga tokko haa walin caqafnnu.
dhagfatuf as tuqaa>>1163447324.mp3

Labels:

Sunday, November 12, 2006

Celebrating the First Anniversary of Popular uprising in Oromia
November 9, 2006 marks the first anniversary of the beginning of popular arising in Oromia. It was on this day that the Oromo people raised their liberation struggle to a new height, covering the entire Oromo land in a highly coordinated manner that has never been seen before. On this day, the entire Oromo population accepted the call made by its vanguard Front OLF and revolted on the TPLF government by raising legitimate demands. Our people have shown to the enemy and to the entire world that our struggle has grown in maturity, size and extent. November 9 will be remembered forever as a landmark in the history of the Oromo people.
Read more>>>oromnws10Nov06.htm

Labels:

WS on Human Rights Violation in Oromia
Written statement* submitted by the International Federation for the Protection of the Rights of Ethnic, Religious, Linguistic and Other Minorities (IFPRERLOM),
COMMISSION ON HUMAN RIGHTS 62nd Session

http://www.unpo.org/article.php?id=3976

The following is a list of alleged extra-judicial killings that have been reported: On 9 November 2005 the police killed three Oromo students (Jaagamaa Badhaanee (from Ambo 06, grade 11 student); Kabbadaa Badhaasaa (from Tiukur Inchinnii, grade 11 student) and an unidentified female student) and wounded 17 in Ambo town. On 12 November 2005, a 10th grade student Lachiisaa Fullaasaa was killed at Muka Turii High School. On 16 November 2005, Dabalaa Oliiqaa Guutaa and Malaakuu Tarfaa Fayisaa, of Kofale High School in Arsi, were killed by TPLF/ Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) cadres. Eleni Kitessa (female), student of grade 9 was severely wounded.
On 28 November 2005, students Habtamuu Bayyataa Biqilaa and Fiqaaduu were killed in Jalduu town (W.Shewa), Katamaa Xaafaa and Nuuressaa Girmaa were severely wounded, and later died in Ambo Hospital.
In December 2005 Alemayehu Gerba (Gemta Gerba), a handicapped Addis Ababa University student was shot dead in Akaki (Haqaaqii) prison, a small town just south of Finfinne (Addis Ababa). On 20 December 2005, the TPLF is reported to have killed three students in Qiltu Karaa, Western Oromia.
Five more students were seriously injured and taken to Aayiraa Hospital, one of these was later reported to have died. On 24 January 2006, student Hayile Desta was killed by the state militia at Abbaya Chomman sub district, at the town of Finca’aa. A recent report by Human Rights Watch, compiled after visits to Ethiopia, including Oromia, states that “the Ethiopian government is using intimidation, arbitrary detentions and excessive force in rural areas of Ethiopia to suppress post-election protests and all potential dissent.”2

Labels:

Seenaa Gooticha Barataa Kabbadaa Badhaasee

Kabbadaa Badhaasee abbaa isaa obbo Badhaasee Irkoo fi haadhaa isaa aaddee Maammee Tulluu irraa bara 1984 A.L.O tti caamsaa 23 godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii Ganda Qonnaan bulaa Naannoo Jidduutti dhalate.
Kabbadaan Dhalatee kan guddate maatii isaa biratti yeroo ta’uu hanga umrin isaa barumsaaf gahutti maatii isaa tajaajilaa ture.Yeroo daa’imummaa isaa daa’imoota olla walitti yaa’anii taphatan keessaa daa’ima simboo addaa kana jedhanii ibsuun nama rakkisu qabu ture.
Kabbadaa hanguma umriin isaa dabalaa adeemuu simboon isaas ta’e hojjaan isaa dabalaa deeme. Bifti isaa magaala ifaa cuquliisa caamni ganamaa itti bahe kan fakkaatu,hojjaan isaa nama guutuu hafee hinqabne; jiddu-galeessa ture.
Ijji isaa urjii dukkana keessa iftu fakkaatee kan halaala nama waamuu fi konkonni funyaan isaa ija isaa kuulii uumamaatiin kuulamte gidduu dhaabbatti ture. Namni yeroo inni seequu ilkaan isaa cabbii baddeessa bilchaatetti suuqame fakkaatu arge Kabbadaa irraanfachuu hindanda’u.
Midhagina rabbi raajiidhaaf tolche uumee kana lakkoofne itti baasuu waan hindandeenyeef ajaa’iba jennetuma dhiisu wayya natti fakkaata “Kabbadaan ammalli isaa akkamii?” jedhee namni gaafatuu yoo jiraate;nama hunda wajjin nama walii galu,nama hunda kan kabaju waan hundaan nama gargaaruuf kan of hinqusannee, hamilee nama kamiif iyyu bakka gudda kan laatuu fi goota waan jedhe irra hindeebine ture. Kabbadaan gara laafessa, garraamii, arjaa, kutataa, sabboonaa, beekaa, nama oftuulummaa balaaleffatu,nama yaada namaa fudhatu,umrii isaa daa’ima kanatti nama akka jaarsa buleetti yaadu ture, Hinariifatu, nama hubatadha, Qalbi qabeessa.Kabbadaan ilaalchi isaa nama walqixxummaa nama hundaatti amanudha. Saba hundaaf bilisummaa fi jireenyaa walabaa kan hawwu. Gocha koloneeffattoonni fi oftuultonni saboota cunqurfamoo irratti raawwatan heddu balaaleffata. Gochii oftuultonni Habashaa Jaarraa tokkoof Uummata Oromoo fi Uummatoota cunqurfamoota Impaayera Itoophiyaa irratti raawwachaa turanii fi raawwataa jiran baay’ee balaaleffachaa fi abaaraa ture.
Kabbadaan akka umriin isaa barumsaaf gaheen bara 1995 mana barumsa Xuqur Incinnii sadarkaa 1ffaatti barumsa isaa eegale. Barumsa isaa sadarkaa lammaffaa achuma mana barumsa sadarkaa lammaffaa Xuqur Incinniitti xumure. Qormaata biyyooleessaa kutaa 10ni bara 2005 fudhate. Barumsa isaatin baay’ee cimaa ture. Kutaa isaas ta’e kutaa hunda irraa 1ffaa ykn 2ffaa ba’aa ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa qabxii olaanaa 99.46% fidee gara kutaa 9ffaatti darbe. Kutaa sagalitti Qabxii giddu-galeessaa 93 fi kutaa kudhanitti 92 qaba ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa kudhanii 3.4 fideetu gara barumsa qophaa’inaatti darbe. Umriin isaa waggaa YKN ganna 19 ture yeroo sana. Barumsa qophaa’inaa garuu magaalaa Amboo Mana Barumsa Amboo Olaanaa Sadarkaa lammaffaatti bara 2005/06 akka baruchuu jalqabetti ji’a tokkoof turban lama baratee...Kabbadaan gargaarsa tokko malee, dhiphuu fi gidiraa heddu keessaa hulluuqee”Rakko fi diina”wajjin qabsoo hadhooftuu gochaa osoo harka hinkennatin barachaa ture. Qiixxaa googduu torbanitti al tokkoo haadhaa isaa rakkatoo irraa isaaf ergamu qofaan lubbuu isaa eege barate. Yeroo Daabboo googduun kun dhibamee guyyoota hedduuf osoo afaan isaa waan tokko hin ciniinin oolee bula ture. Beelli itti dheeratee hanga qoonqoon isaa babbaqaqee gorora isaa liqimsuu dadhabuu tti gahaa ture. Haala kanaan osoo barachaa jiruu bara 2005 Fulbaana 28 abbaan isaa addunyaa kana irraa boqotani.Haa ta’u malee abdii kutatee osoo barumsa addaan hinkutin;baratee ofii isaa,maatii isaa fi biyya isaa fooyyeessuf osoo carraaqa jiruu abdiidhaan, kutannoo fi murannoo dhugaadhaan hawwii isaa galmaan gahuuf gara fulduraatti osoo deema jiru; akka beela’ee garaan isaa qooqeetti qooqa isaa maratee,akka dheebotee bishaan hawwetti akka daaree qullaa isaa turetti fi akka rakkoon harmee fi maatii isaa ija isaa dura dhaabatee hafetti hunduu hawwii ta’ee sadaasa 8 bara 2005 xumurame. Hundu ni raawwate; guyyaa keessa sa’a 6:00. Abdii jireenyaa isaa borii godhatee kan inni abdatu,waan hunda kan inni itti irraanfatu,wabii jireenya isaa gara fuulduraa kan ta’e fi hunda caala kan inni jaallatu kitaabonni, Dabtarri fi qubeessaan isaa marti kallatti hundatti harkaa bittinnaa’an.Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsoo farra gabrummaa Oromoo barattoonni kobbee fi dabtara qabatanii gabroomfattoota habashaa kan hanga funyaanitti meeshaa jabanaa hidhate wajjin godhan keessatti nama gahee fi bakka olaana qabudha. Adda durummaadhaan dargaggoota humna, beekumsaa fi lubbuu isaanii illee osoo hinqusatin qabsaa’an keessaa isa tokkodha. Qabsoo barattootni Oromoo mana barumsa Xuqur-Incinnii sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa raawwataa turan keessatti barattoota dadamaqsee harka walqabatanii tokkummaadhaan sagalee diddaa gabrummaa akka dhageessisan gochaa ture. Seenaa dhugaa durii jalqabee oftuultonni Habashaa Uummata keenyaa irratti raawwataa turanii fi har’as jaarraa 21ffaa keessatti raawwachaa jiran hawwaasa maraa fi barattootaaf hima hubannoo uummata cimsuudhaan qabsoon farra gabrummaa akka finiinuuf gahee lammummaa isaa bahacha turera. Haxxummaa Habashootaa fi shira isaan xaxanii Uummata gargar qooduudhaan qabsoo Oromootaa laaffisuu fi maqsuudhaaf (Dhabamsiisuudhaaf) yaalii isaan maagaalaa Xuqur-Incinni keessatti gochaa turan irratti dammaquudhaan mala qabsoo tokkummaa Uummata tiksu dhahee uummata barsiisa ture.Uummata fi barattoota murna-murnaan (maadheedhaan )qindeessee qabsoo kallacha qabsootiin( ABO)dhaan durfamu jala akka hiriiran murannoodhaan hojjetaa ture.Barata Kabbadaan seenaa barata Alamuu Tasfaayee bara 2004 mana barumsaa Xuqur-Incinnii keessatti ergamtuu diina Poolisii Damisee jedhamuun qabsoo irratti galaafatame barreessee ture.Guyyaa awwaalcha barata Alamuu seenaa isaa Uummataaf dubbisee,uummata kumatama heddutti lakkaa’amuu awwaalchaa barata kanaaf baheef dhaamsa “Hanga yoomiitti duunaa? Hanga yoomiitti qe’ee fi biyyaa keenya irratti galaafatamnaa? “ jedhu dabarseefi ture.Uummannis seenaa barataa Alamuu wajjin wal-qabsiisee ergaa barata Kabbadaan isaaf dabarse dhaga’ee onneen isaa xuqamee qabsoo isaa cimsee itti fufuudhaan ergamtoota diinaa kanneen akka bulchaa aanaa sana yeroo sana bulchaa turee fi poolisoota ergama diina bahaa turan irratti tarkaanfii fudhatee qabsoo fincila diddaa gabrummaa har’a naannoo sanatti godhamaa jiruuf bu’ura ta’eera.
Guyyaa kana egaa kan Barataa Kabbadaan ija diina keessa bu’ee,hiree hiriyaan isaa Alamuu fi barattootni Oromoo hedduun akkasumas gootonni Oromoo hedduun argatan akka argatuuf kan kaadhimame. Sabboonummaa fi murannoon barataa kana kan garaa ishee waadee OPDOn barata galaafachuuf kiyyoo kiyyeessuu eegalte.Baruma kana (2004) hiriyoota isaa qabdee mana hidhaatti darbattee,” Barata gaafa sirna barataa Alamuu seenaa isaa barreessee dubbise baasaa,kaaseeta sagaleen isaa irratti waraabame fidaa” jettee mana hidhaa Aanaa Xuqur-Incinniitti hiraarsaa turte. Kaaseetaa sagaleen barataa Kabbadaa irratti waraabame yoo argatte illee sagalee isaa baruu hindandeenyee. Hiriyoonni isaas dabarsani isa hinlaatne. Haala kanaan bara 2004 kiyyoo dhaabni maxxannee OPDOtiin osoo hinqabamin jala darbe. Bara sanatti osoo hinkiyyeeffamin jala miliqu iyyuu, barana sadaasa 8 2005 guyyaa keessaa sa’a 6:00 irratti mana barumsa Amboo olaanaa sadarkaa lammaffaa fuulduratti ergamtoota diinaa Poolisoota Girmaa Gazzaanyii fi Habtaamuu Abdiisaa tiin galafatame. Innis hiriya isaa Jaagamaa Badhaanee rasaasan rukutamee kufe arge e “Haadhookoo Haadhookoo” jedhee yeroo inni olqabuudhaaf gad-jedhu isas diinni rasaasan rukutuudhaan hiriyaa isaa kana irratti dabaltee kuffiste.Dhiigni isaanii walqabatee karaa konkolaata irra qajeele.
Akkuma lolaa Adoolleessaa bubbisee yaa’e. Wal irraa hin citu;ni lola’a.Barattoonni iyyanii yeroo isaan reeffa hiriyoota isaanii kana laman kaasuudhaaf dhufan ergamtoonnii diina dhiiga barattoota Oromoo dhangalaasuudhaaf meeshee hidhanoo guutuu hidhatanii mooraa mana barumsichaa marsnii jiran barattoota kana irratti dhukaasuudhaan barattuu durbaa tokko yeroodhaaf Kaman maqaa ishee hinbeekne ajjeesaniiru. Barattoota warra hafan moora mana barumsaa keessa oliif gadi ari’uudhaan akka waan dirree waraana keessa jiraniitti irraatti dhukaasanii gargar facaasuudhaan reeffaa barattoota galaafataman kana dhoksuudhaaf yaala turan.Barattootni mana barumsaa olaanaa sadarkaa lammaffa Amboo garuu dhukaasa diinni isaan irratti bane kanaan osoo hin wareerin, dhagaadhaan kittallayyoota diina meeshaa waranaa hidhannoo guutuudhaan isaan marse kana of irraa faccisaa turanii.Haala kanaan reeffaa hiriyoota isaanii irraa diina ari’atanii uummata magaalaa Amboo wajjin ta’uudhaan konkolaataa Ambuulaansitiin Hospitaala Magaalaa Amboo galchani.Barata Kabbadaan Hospitaalaa seenee daqiqaa murtaa’ee boodaa hafuurrii isaa keessaa qixxaa’ee. Osoo akka kufeen gara hospitaalaatti fudhatamee jiraatee barata Kabbadaan lubbuun isaa ni bararfama ture. Garuu gara jabeenyaa ergamtoota diinaa kanaan lubbuun isaa akka darbu ta’e.Jaagamaan garuu akkuma rukutameen ture kan boqote.Haala suukanneessa kanaan egaa kan OPDOn dargaggoota abaaboo caala addunyaa miidhagsan kana kan ishiin lafa irraa cirte. Kun immoo waan haara miti; Ergamni ishee durattis ba’aa turtee fi ammas Oromiyaa mara keessatti ba’achaa jirtuudha. Kanaaf dhukkuba gartuun Wayyaanee Tigiraay nu keessatti dhalchee ittin uummata keenyaa fixaa jiru kana yeroo xumuraaf of keessaa balleessuuf harka wal qabannee haa kaanu!!Reeffii barataa Kabbadaa”Abbaa diinaatiin”ilaalamee Finfinneedhaa ennaa deebi’uu uumata kumaatama heddutti lakkaa’amutu baaduyyaa fi magaalaa Xuqur-Incinnii keessaa yaa’ee simate. Gaafuma kana (09-11-2005) Uummanni kun magaalaa fi baadiyyaa Xuqur-Incinnii iddoo adda addaa keessaa naanna’uudhaan sagalee isaa dhageessisaa ooleera. Dhaadannoo isaan dhageessisaa oolan keessaa muraasni isaa:- Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsaa’aa keenyaa!
-Gumaa ijoollee keenyaa ni baafannaa,warra nu ajjeesee ni ajjeefna!-Qabsoo barattoonni keenya irraa kufan galmaan gahuuf kutannoodhaan kaaneerra!-Hidhaa fi ajjeechaan of duuba nu hindeebisuu!
-Ergamtoota diinaa afaan qawweetiin nu ajjeesaa jiraniif hin bitamnu!
-ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ti kan jedhu faa ture!
Jala kaattuun mootummma Wayyaanee Bulchiisni Godina Shawaa Lixaa haala kana hubatee soda keessa waan galeef waraana kumoota hedduun lakka’aman hidhannoo guutuu hidhachiisee gara jabinaan tarkaanfii kam iyyuu fudhatee osoo reeffii hindeebi;in akka uummata kana bittimmeessu erge. Hoomaan waraana kunis uummata irratti waraana banuudhaan lubbuu barataa Lachiisaa Soonxee galaafatee namoota heddu madeesse. Uummannis qottoo, gajaraa fi eeboo qabu fudhatee itti bahuudhaan hoomaa waraana Wayyaanee hedduu faayidaan alaa godhee waraana oftuultotaa kanaan osoo hinrifatin reeffa barataa Kabbadaa simatee, warra rukutamee kufes lafaa kaafatee gale. Haa ta’uu malee Barataa Lachiisaa Soonxee eenyu akka ajjeesee adda baasuun waan hindanda’amneef namni dhuunfaan isa ajjeesee hinbeekamuu. Kunis waan dhukaasa hoomaa waraanatin rukutameef ture. Kanaaf bulchaa Aanaa fi Godina sana badiisa Lubbuu barataa Lachiisaa Soonxeef itti gaafatamummaa fudhachu qaba. Gaafa 10-11-2005 reeffii barataa Kabbadaa Xuqur-Incinnii bataskaana Goorgisii cinatti kan argmu lafa awwaalchaa amantoota Pirotestaantitti awwaalame.Hiriyonni isaa, Uummanni magaalaa Incinnii,Shanan,Gudar fi Amboo Akkasumas Uummanni baadiyyaa Aanaa sanaa fi firootni isaa marti yaa’anii; haala ho’aadhaan awwaalame.Yeroo jalqabaaf ture Uummmannii Kuma 15 ol ta’u reeffaa dargaggoo tokkoo awwaaluuf kan ba’e. Reeffii Abbaa Biyyaa tokkoo iyyuu sirna ho’aa akkanaatin awwaalamee hinbeeku.Inni farad qabuu eeboo fi gaachana isaa qabatee dhaadannoo isaa dhageessisaa fi seenaa barata kana himaa, inni garaan isaa dadhabe boo’ee mararfamaa, akkasumas gurguddoonni biyyaa illee laphee isaanii rukutatanii hanga ijji isaanii diimatutti boo’a turani.Garuu booyichii kun hanga yoomitti itti fufaa? Hangaa yoomittis Dargaggoonnii keenyaa lafa irraa ciramuu? Sabboontoonni hiriyoota isaa Alaabaa ABO Abaaboodhaan faayame qopheessanii suuraa isaa keessa kaa’uudhaan kana malees reeffa isaatti alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo uffisuudhaan garaa diinaa bobeessaa oolaniiru. Akka sirna awwaalcha biyya sanaatti farda qamisiin qopheessanii alaabaa itti uffisanii kaayyoo fi qabsoo barata Kabbadaan Itti wareegame firaa fi diina isaatti ifaan mul’isaniiruu. Akkasumas hiriyoonni isaas seenaa isaa barreessanii sirna awwaalcha isaa irratti dubbisaan dhaamsa qabsoo barataan kun dhaamaa ture Uummataaf dabarsaniiru. Dhuma irratti sirni awwaalcha isaa eebba maanguddootaatin xumurame.
Maanguddoonni kunis ganti dhiiga Uummata keenyaa dhangalaasaa fi lubbuu gootota heddu galaafachaa jirtu abaaraniiru. Akkasumas Uummanni Oromoo marti akka abbooti duri eeboo fi gaachana isaa qabatee farda irratti bahe tokkummaadhaan akka diina isaa irratti ka’uu dhaamsa dabarsaniiru. Egaan haala suukanneessaa akkanaatiin nuti barattootni Oromoo sababaa gaaffii mirgaa kaasaneef jecha gara-jabeenyaan lafa irraa daguugamaa jirra.
Nuti Barattootni kun Dabtaraa fi Kobbee malee waan tokko illee of harkaa hinqabanu.. Gaafiin keenyaas gaaffii mirgaa fi gaaffii biyyaa ofii irratti abba biyyummaa dhugoomfachuu waan ta’eef hanga deebiin sirri ta’e argamutti gaaffiin keenyaa itti fufa. Wareegama hadhaa’aa hangana ulfaatu kaffallee guyyaa tokkoo kaayyoo keenya akka galmaan gahannu hinshakkinu. Kun ammo yeroon isaa fagoo miti. Kanaaf barattoota Oromoo lafarraa Duguugun furmaata tokkoo illee fiduu hindanda’uu.Itti iyyuu Uummatni keenya marti qabsoo hadhaa’aa kana caaluuf akka of qopheessu godhaa jiraa.
Kana ammoo sochii qonnaan bultootni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiran fakkeenya gaariidha. Keessuma iyyuu sochiin qonnaan bultoota Aanaalee Baha fi Lixa Wallaggaa Keessatti amma godhama jiru akkasumas sochii hawwaasni Harargee amma irra jiru diinaa keenyaaf hubatamuu qaba. Gumaan barattoota Oromoos akkanaan dhangala’ee hafuu hinqabu. Har’aa eenyuu taanan gumaa barattoota kanaa baasee kaayyoo isaan kufanii fi kufaa jiran galmaan gahuu qaba. Uummanni Oromoo, barattootni Oromoo saboonti cunqurfamoon qabsoo diddaa gabrummaa kan amma barattoota Oromoon adeemsifamaa jiru kana daran cimsuun bilisummaa isaanii gonfachuu qabu.
Itti dabalees dhaabbileen mirkga dhala namaaf falmaniif Sabaa himaaleen Addunyaa dhiitichaa mirga dhala nama amma baadiyyaa Oromiyaa keessatti Uumata Oromoo irra gahaa jiru kanaaf gurra isaanii ergisuu addunyaa irratti akka beekamuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dabarsina.Barattoota Mana Barumsaa Olaanaa Sadarkaa Lammaffa Amboo.
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Labels:


Seenaa Jaagamaa Badhaanee


Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama dhalatee takka du’e, kana ofumaa du’e takkaa dhalatee lama du’e.
Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe. Haata’uu malee, wareegama haga har’aa kaffalameen qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan fuladuratti tarkaanfataa jira.
Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni beekama.
Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar /Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka adda addaa tti fakeenyaa gootummaa ta’ee akka isaan qabsoo isaanii finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko ta’anii diina ija baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun waan furmaata hin qabne ta’uu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti kan fininee itti fufee har’a as gaye.
Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa ta’anii darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee waa jetna.
Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa ture. Sochii barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu.
Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduuf fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun baratooti Oromoo naannoo Amboo akka “motora’ sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif /2002-2005/ariyatamu goote. Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine. Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera.
Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite. Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee barabaraan jiraata kan jedhamuufis kanumaafi.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Labels:


Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa Hirphasaa


Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa 1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture.
Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin qabne irraan gahaa turte.
Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma yaadanii ajjeesan.Barataa Gaaddisaan Bitootessa 28-2006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:-Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan kabachiifachuuf sochoaa! Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti. Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaammate.
Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!!
Margaa Oromoo lafarraa duguuguun aangoorra turuuf yaaluun mootummaagabroomfataa kufaatii irraa hin oolchu!
Injifannoo Ummata Oromoof!!Gadaan Gadaa Bilisummaat!!

Labels:

"Shooting at unarmed students is a shameful misuse of government power. The Ethiopian government has to investigate and prosecute the authorities responsible for firing on the students"
Saman Zia-Zarifi, Academic Freedom Director for Human Rights Watch (May 2002)


"The attacks on academic freedom have now degenerated into a wholesale assault on civil society in Ethiopia."
Saman Zia-Zarifi, Human Rights Watch's Academic Freedom Director (05.10.2001)


"The Ethiopian government is violently suppressing any form of protest and punishing suspected opposition supporters."
Peter Takirambudde, director of Human Rights Watch's Africa Division (13. January 2006)


"The problem with taking Meles as a symbol of a promising but tragically underfunded African renaissance is that his government has amassed an appalling human rights record during its 14 years in power. While this government is an improvement over its brutal predecessor, its human rights record is nonetheless extremely grim."
Chris Albin-Lackey, Sandler fellow at Human Rights Watch (July 4 2005)

Labels:

Saturday, November 11, 2006

SBO :Another Death report on 07-11-2006 in jimmaa
Maqaa..............................Umrii.....................iddoon itti rukutame

Mubaarak.......A/Olii A /Jiruu ...18(ganna)........ Gommaa/Bashaasha

.........................................................................Ganda Qaada marsaa

dhageyfatuuf as tuqaa>>>>>>>>1163249972.mp3

Friday, November 10, 2006

Baratoota Oromoo sadaasa 9bara2005 hanga 09sadaasa2006 kessa wayaaneen ajjefaman kessaa hanga tokko.
Sadaasa 9 bara baraan yaadatama .
dhagefatuuf as tuqaa>>>1163158202.mp3
Dubbisuuf as tuqaa>>>>ilmaan-oromo-kan-fdg-irratti_10.html

Labels:

Dhaamsaa fi Seenaa Gabaabduu Barataa Shibiru Damissee Barattoota Yuniversty Maqalee Irraa

Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa - 8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 – 2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee Seenaa ta’udhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti faana bu’aa ture.

Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana sakoondii, daqiiqaa, sa’atii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee eegalee ture.
Akkuma hiriiyyota isaa mul’ata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda Oromooti.

Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu, nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata keenyaaf hawwinaa.
Burqaa:Sararaa ABO:News/2006/Seenaa_Barataa_shibiruu.htm
QINDEESSAAN: ABDII BILLISUMMAA ,

YUNIVARSIITII MAQALEE IRRAA

Labels: