Friday, November 10, 2006

Dhaamsaa fi Seenaa Gabaabduu Barataa Shibiru Damissee Barattoota Yuniversty Maqalee Irraa

Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa - 8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 – 2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee Seenaa ta’udhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti faana bu’aa ture.

Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana sakoondii, daqiiqaa, sa’atii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee eegalee ture.
Akkuma hiriiyyota isaa mul’ata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda Oromooti.

Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu, nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata keenyaaf hawwinaa.
Burqaa:Sararaa ABO:News/2006/Seenaa_Barataa_shibiruu.htm
QINDEESSAAN: ABDII BILLISUMMAA ,

YUNIVARSIITII MAQALEE IRRAA

Labels:

2 Comments:

At 4:44 AM , Blogger Unknown said...

Seenaan bara baran isin yaadattii!! qabsaa'an ni kufaa qabsoon itti fufaa!!

 
At 12:35 AM , Blogger Unknown said...

AKKAMIN HAA BILISOMNU

 

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home